(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 03,2009)Maddeen oduu itti dhiheenya qaban akka gabaasanitti lola mootummaan wayyaanee Caamsaa 22,2009 irraa qabee Oromoota Gujii fi Sidaamaa gidduutti qabsiisee jiruun namootni 29,750 ol ta’an qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’anii dirree irratti faca’uun qaama isaanii dirmatu dhabanii rakkina hamaaf saaxilamanii jiru.
Ummatni qe’ee isaa irraa buqqa’e kun Godina Arsii Liixaa Ona Siraaroo fi Zoonii Sidaamaa Ona Boorrichaa keessaa oggaa ta’u, lolli kun haga ammaatti kan hin dhaabbatin jiru ta’uunis ibsameera.
Lola dabballootni wayyaanee Oromoota Gujii fi lammiiwwan Sidaamaa gidduutti qabsiisan kanaan qabeenyaa fi manneen ummataa hedduun ibiddaan akka barbadaa’anis maddeen oduu amanamoon kun dabaluun hubachiisaniiru.
Lola Oromoota Gujii fi Sidaamaa gidduutti deemaa jiru kanaan namootni 100 ol ta’an kan du’an oggaa ta’u, dhibbootnis akka madaa’an gabaasuun keenya ni yaadatama.
Haaluma wal fakkaatuun lolli Shawaa bahaa Ona Fantaallee keessatti Oromoota Karrayyuu fi Affaar gidduutti deemsifamaa jiru haga ammaa kan hin dhaabbatne ta’uunis ibsameera. Lola kanaan namootni 50 ol oggaa du’an hedduun madaa’anii, qabeenyaa fi mannis mancaafamaniiru. Poolisootni federaalaa sirna wayyaanee ifatti Affaarotaaf dirmachuun lammiiwwan Oromoo irratti akka duulaa jiran maddeen keenya gabaasaniiru.
MOA